Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti saamicha raawwachuu fi madeessuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 26, 2024

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, saamuu, mana irratti gubuu, ajjeesuu, madeessuu fi ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachuu cimsanii jiru.

Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti saamicha raawwachuu fi madeessuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Bonee Abuunaa jedhamutti  Fulbaana 22, 2024 naannoo sa’atii 10:00’tti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman nama maqaan isaa Obbo Malkaamuu Waaqwayyaa jedhamu mana isaatti ol itti seenuun rasaasaan harka keessa rukutanii madeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, finxaaleeyyiin kun aanaa Abee Dongooroo ganda Wallaggee jedhamutti nama Zalaalem Bookaa jedhamu Fulbaana 21, 2024 qabuun qarshii kuma dhibba jaha adabuun irraa fudhatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanoota kanneen keessatti saamichi fi ajjeechaan raawwatamu guyyaa irraa gara guyyaatti kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u namoonni danuunis qabeenyaa fi lubbuu isaanii dhabaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version