ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa waraanaa fi kaabinoota Bilxiginnaatiin daangaa qaxxaamuruun yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachaa kan jirtu yoo ta’u, har’as godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa kun ilmaan Oromoo saamuu fi dararuu cimsanii kan itti fufan ta’uun himamee jira.
Aanaa Abee Dongooroo ganda Hoomaa Gaalessaa bakka addaa Garee jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa Onkoloolessa 29, 2024 osoo hawaasni gabaa magaalaa Tulluu Gaanaa deemuu gara laafina tokko malee uummata irratti saamicha ulfaataa raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Aanaadhuma kana gandicha keessaa finxaaleeyyiin Amaaraa Onkoloolessa 24, 2024 ooyiruu qonnaan bultoota Oromoo heektaara hedduu ta’utti saawwan bobbaasuun oomisha isaanii jalaa ficisiisuun rakkoo ulfaataan hawaasa Oromoo irratti qaqqabaa kan jiru yoo ta’u, oomisha qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Mahaammad Yusuuf jalaa heektaara 2,
- Mahaammad Nuur jalaa heektaara 1,
- Abdallaa Shamshuddiin jalaa heektaara 2 fi
- Bayyaan Baabaa jalaa heektaara 1 dheechisuun qullaa godhanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Dabalataan, godinuma kana aanaa Horroo Bulluq gandoota adda addaa keessatti finxaaleeyyiin kun dararaa hammeessuun uummata yaaddessuu fi barattoota Oromoo karaatti eeggachuun doorsisaa jiraachuu fi torban darbe ganda Ashaayyaa Daaddoo jedhamu keessaa mana barumsaa Cambee jedhamutti barattoota wal ga’ii baasuun doorsisaa turuu itti dabaluun ibsaniiru.

