Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeesuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Haboo jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa akkuma amala isaanii gara jabina guddaan hawaasa Oromoo lafa irraa duguuguu baran, Caamsaa 2, 2025 bakka addaa Wacaalee jedhamutti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Shibbiruu Dheeressaa jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gara jabeeyyiin kunneen nama kana gara ganamaa bakka inni qonnaa qotuu erga ukkaamsanii booda, haadaan harka isaa duubatti hidhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu dubbatu.

Kana malees, aanaadhuma kana ganda Jaanjimmar bakka addaa Kooyyaa jedhamu irraa Ebla 30, 2025 hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun socho’an qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Dhugumaa jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.

Aanicha guutummaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa murna Bilxiginnaa firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii hawaasa Oromoo lafa irraa duguuguu itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Exit mobile version