Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrootti hidhattoonni Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo tokko irratti ajjeechaa yoo raawwatan, Aanaa Jaardaagaa Jaartee irraa immoo hawaasa irratti dhukaasa banuun buqqisan

ONM-ABO Ebla 18, 2025 

Aanaa Horroo ganda Rifeentii Gabar bakka addaa Qaawoo jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa gargaarsa qaamolee Bilxiginnaan dachee hawaasa Oromoo irra qubatan Ebla 15, 2025 qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Darajjee Waaqumaa jedhamu gara jabina guddaan ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Gandicha keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu dha’achuun socho’an gara laafina tokko malee halkan da’eeffatanii irra deddeebiin hawaasa meesha maleessa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuun ifoomeera.

Oduuma walfakkaatuun, godinuma kana aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Haboo jedhamutti Ebla 14, 2025 halkan walakkaa dhukaasa banuun hawaasni gandichaa sodaa qabu irraa ka’uun gara ganda Diigaluutti baqatee jiraachuu fi godinicha guutummaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa finxaaleeyyii kanneen gargaaruun hawaasa Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisaa jiraachuun dabalataan ifoomeera.

Exit mobile version