ONM-ABO Ebla 14, 2025
Aanaa Kiiramuu magaalaa Haroo jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun gara jabina guddaan ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf kanneen socho’an, Ebla 11, 2025 qonnaan bulaa Oromoo kan maqaan isaa Obbo Dassaaloo Nugusee jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Lukkeeleen Bixiginnaa finxaaleeyyii kanneen gargaaranii ilmaan Oromoo hiraarsaa kan jiranii fi hawaasa kana dura qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqa’e “deebifnee qe’ee isaatti galchina” jechuun sossobuun ficcisiisaa jiran, bakkichatti gochaan walfakkaataan akkasii irra deddeebiin hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ibsamee jira.
Gandicha keessatti hawaasa Oromoof hanga ammaatti qaamni birmateef kan hin jirre yoo ta’u, qaamni mootummaa garboomfataa gama hidhattoota Amaaraa goraa waan jiruuf jiraattonni gandichaa sodaa fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen itti dabaluun himanii jiru.
Finxaaleeyyiin Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban mul’isuuf murna Bilxiginnaan utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun, saamuun, bakka buutee dhabamsiisuun, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuun hiraarsaa ulfaataa irraan gahaa jiru.

