Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Amaaraa Aanaa Bureetti hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo gara jabinaan ajjeesuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Aanaa Buree ganda Caaboo bakka addaa Laga Migiraa jedhamutti hidhattoonni Amaaraa jibbiinsa ilmaan Oromoof qaban ifatti mul’isuun, afaan qawwee fayyadamuun duguuggaa sanyii raawwataa jiran hammeessuun Waxabajjii 19, 2025 qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Tamee Baabuluu jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, finxaaleeyyiin kunneen gara jabeenyummaa geggeessan itti fufuun, qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Guddataa Birruu jedhamu rasaasaan rukutuun madeessuu maddeen itti dabaluun himanii jiru.

Aanicha guutummaa keessatti finxaaleeyyiin kunneen jibbiinsa ilmaan Oromoof qabaniif qabeenya irraa buqqisuu fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa kan jiran ta’uun baramee jira.

Hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun socho’an gama danda’an cufaan ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu kaayyoo jalqabaa taasifatanii guyyaa guyyaan akka baalaatti harcaasaa jiru. 

Exit mobile version