ONM-ABO Waxabajji 11, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban mul’isuuf murna Bilxiginnaan utubamanii hidhannoo guutuun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu, saamuu, achi buutee dhabamsiisuu, ajjeesuunii fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuun dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Aanaa Kiiramuu ganda Ashuu Kusaayee jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Obbo Zallaqaa Zaruu jedhamu jalaa Waxabajjii 4, 2025 halkan sa’atii 6:00’tti lo’anii dhaquun horii inni qabu 6 jalaa fudhatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Bakkichatti gochaa walfakkaataan akkasii irra deddeebiin hawaasa Oromoo irratti raawwachaa kan turee fi jiru ta’uu kan himan jiraattonni gandichaa, mootummaa garboomfataan impaayerattii hawaasaaf birmachuu dhiisee hidhattoota kanneen gargaaruun aanicha guutummaa keessa akkuma argan bobbaafamanii saamichaa hanga ajjeechaatti gara jabinaan raawwachaa jiraachuu ONM’f gabaasan.

