ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025
Aanaa Abee Dongoroo ganda Gaalessaa bakka addaa Falmii irraa hidhattoonni Amaaraa Faannoo jechuun of waaman Waxabajjii 15, 2025 qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa, Obbo Ziyaaduu Abdallaa jedhamu jalaa loowwan inni qabu hunda saamuun, kan haadha isaa maqaan ishee Aadde Ashaa Abdullaa jedhamtu immoo, re’oota, hoolotaa fi harroota danuu ta’an jalaa kan saaman yoo ta’u, aanaadhuma kana ganda Caruu bakka addaa Abbasalgan jedhamu irraa immoo, guyyaadhuma walfakkaatu, horii hawaasa Oromoo hedduu saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduudhuma walfakkaatuun godinuma kana aanaa Horroo Bulluq ganda Bonee Abuunaa bakka addaa Burqaa Ejersaa jedhamutti hidhattoonni Faannoo Waxabajjii 12, 2025 nama maqaan isaa Obbo Kabbadaa Raggaasaa jedhamu jalaa lowwan inni qabu hunda kan baay’inaan 32 ta’an saamuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, gargaarsa murna Bilxiginnaan utubamanii hidhattoonni Amaaraa ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa ari’uun horii fi qabeenya hedduu saamaa jiraachuu himuun, finxaaleeyyiin kunneen gandoota aanichaa fi godina Horroo Guduruu Wallaggaa mandheeffatanii ilmaan Oromoo akka baalaatti harcaasaa jiran bakka kanatti irra deddeebiin saamicha, ajjeechaa fi ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuun qarshii gurguddaa gaafataa jiraachuun haala duraan barameen olitti cimee kan itti fufe ta’uu ibsan.

