ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa bakka addaa Falmii jedhamutti hidhattoonni Amaaraa Waxabajjii 10, 2025 abbaa amantaa maqaan isaanii Sheek Muzammir Maammad jedhaman gara jabinaan rasaasa itti roobsanii ajjeesuun gara Laga Qarsaa jedhamutti geessanii gatuu maddeen ONM’tti himan.
Gandi Hoomaa Gaalessaa gareewwan gurguddoo 6 kan ofjalaa qabdu yoo taatu, hawaasni guutummaan guutuutti qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’uun gara bakkeewwan akka:
- Jogoo,
- Coqorsaa,
- Dalgee,
- Laga Guyyaasaa fi
- Gaararoo
jedhamanitti baqatee rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Ashuu Kusaayee irraas finxaaleeyyiin Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa:
- Obbo Biraanuu Nugusee jedhamu jalaa horii 50 yoo saaman,
- kan Obbo Baqqalaa Alamuu immoo horii 2 fudhatanii deemuu fi
dararaa isaan hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan kan duraa irra daran jabaatee jiraachuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni ifoomsa.

