Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti finxaaleeyyonni Amaaraa uummata ganda Hoomaa Gaalessaa itti marsanii tokko tokkoon keessan maallaqa 30,000 kafalaa jechuun dirqisiisaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti finxaaleeyyonni Amaaraa uummata ganda Hoomaa Gaalessaa itti marsanii tokko tokkoon keessan maallaqa 30,000 kafalaa jechuun dirqisiisaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM – ABO – Muddee 3, 2022 Uummanni Oromoo godina Horroo Guduruu Wallagaa aanaa Abee Dongooroo finxaaleeyyoota Amaaraa Shimallis Abdiisaa qarshii miliyoona 100 deggersa lachuun bobbaasiseen gidiraa hamtuu keessa jiru. Aanaa Abee Dongooroo ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti gaafa Sadaasa 29, 2022 irraa kaasuun hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan uummata ganda sanatti marsuun tokko tokkoon namootaan maallaqa 30 000 akka kanfalan itti himuun yoo didan ammoo ni ajjeefamtu jechuun doorsisa cimaa irraan ga’aa jiru. Uummanni ganda sanaa lafa gabaas ta’e iddoo kamiyyuu ganda isaanii keessaa bahanii deemu kan hin dandeenye fi yoo gara bakka biraatti baqachuuf kan yaalan ta’es karaa cufaa ta’uu maddeen himuun hawaasni gandichaa birmannaa akka barbaadu dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version