ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa jedhamutti hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an Waxabajjii 2, 2025 hawaasa Oromoo irratti dhukaasa banuun qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun namoota hedduu haala nama suukkaneessuun ajjeesanii qabeenyaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni dhukaasa finxaaleeyyii Amaaraan itti banameen ajjeefaman kanneen maqaan isaanii:
- Kaliifaa Bayyaan Abaadir,
- Ibiraahim Aliyyii,
- Junaddiin Abdallaasheek,
- Yusuuf Abdii fi
kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta’an erga gara jabinaan ajjeesanii booda, horii isaanii ammaaf lakkoofsi adda hin baane ooffatanii deemuu dubbatu.
Gandoota aanichaa hunda keessatti hidhattoonni Amaaraa kunneen dararaa yeroo yeroon hawaasa Oromoo irratti raawwatan jabeessuu irraa kan ka’e qe’ee isaanii irraa buqqa’uun rakkoo keessa kan jiran yoo ta’u, qaamoleen murna faashistii PP ammoo finxaaleeyyii kana gargaaruun hawaasa gandichaa buqqisaa kan jiran ta’uun rakkinicha hammeessee jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ONM’f gabaasanii jiru.

