ONM-ABO Ebla 27, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Arusee jedhamutti hidhattoonni Faannoo ilmaan Oromoo jalaa bilbila, maallaqaa fi qabeenyaa hedduu saamuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Akka maddeen himanitti, finxaaleeyyiin Amaaraa aanicha maandheffachuun, guyyaa guyyaan hawaasa Oromoo saamuu irraa hanga haala suukkaneessaan ajjeesuutti hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, namoota gabaa dhaquuf ganda Hoomaa Gaalessaa irraa gara Tulluu Gaanaatti deemaa jiran bakka Aruusee jedhamutti konkolaataa isaan ittiin deeman dhaabsisuun, bilbilaa fi qarshii dabalatee waan isaan konkolaataa sana irraa qaban hunda akka saamanii deeman dubbatu.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti qaamni aanicha keessaa hawaasa Oromoof birmate kan hin jirre yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa afaan qofaan akka waan uummata Oromoof dhaabbataniitti dubbatu malee, hidhattoota Amaaraa gargaaruun ilmaan Oromoo dararaa jiraachuun itti dabaluun ibsanii jiru.

