Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa gargaarsa murna Bilxiginnaan godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa muraasa ta’an keessa  mandheeffachuun miidhaa ulfaataa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Galeessaa bakka addaa Taliiloo jedhamu irraa Ebla 27, 2025 hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun socho’an qonnaan bultoota Oromoo kanneen maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Adam,
  2. Abdurramaan Mahaammadii fi
  3. Naasiruu Qamar 

jedhaman jalaa saawwan hedduu baay’inaan 20 ol ta’an saamanii deemuu maddeen ONM’tti himan. 

Aanichatti akka hawaasni Oromoo saamamuuf deggersa gochaa kan jiru bulchaa aanichaa yoo ta’u, qarshii guddaa hidhattoota gara jabeeyyii Amaaraa irraa fudhachuun saba irraa dhalate maallaqaan jijjiiree gara isaanii goruun hawaasa qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Exit mobile version