ONM-ABO Bitootessa 21, 2025
Aanaa Abee Dongoroo ganda Daabbis bakka addaa Cayii jedhamu irraa Bitootessa 18, 2025 hidhattoonni Amaaraa akkuma amala isaanii duraatti qabeenya ilmaan Oromoo saamuun dinagdee isaanii ijaarrachuu baran, qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Tamuu Tigiree jedhamu jalaa loon 12 ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, godinuma kana aanaa Amuruu ganda Siiddan Barkallee bakka addaa Laga Bofaa jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa afaan qawween hawaasa meesha maleessa lafa irraa duguugaa jiran, Bitootessa 17, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Tasfaayee Balaay jedhamu jalaa loon 20 ooffatanii deemuun baramee jira.
Hidhattoonni Amaaraa waan fedhan yoo balleessan qaamni isaan gaafatu kan hin jirree fi qaamni mootummaas hidhattoota kanneen sirnaan deggeruun waliin hiriiranii dararaa raawwachaa jiraachuunis ibsameera.

