• Mon. Jan 12th, 2026

Finxaaleeyyiin Amaaraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti qonnaan bultoota Oromoo yoo ajjeesan, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu irraa immoo, saamicha raawwatan

Jun 15, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa bakka addaa Falmii jedhamutti hidhattoonni Amaaraa Waxabajjii 10, 2025 abbaa amantaa maqaan isaanii Sheek Muzammir Maammad jedhaman gara jabinaan rasaasa itti roobsanii ajjeesuun gara Laga Qarsaa jedhamutti geessanii gatuu maddeen ONM’tti himan.

Gandi Hoomaa Gaalessaa gareewwan gurguddoo 6 kan ofjalaa qabdu yoo taatu, hawaasni guutummaan guutuutti qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’uun gara bakkeewwan akka: 

  • Jogoo, 
  • Coqorsaa, 
  • Dalgee, 
  • Laga Guyyaasaa fi 
  • Gaararoo 

jedhamanitti baqatee rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Ashuu Kusaayee irraas finxaaleeyyiin Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa: 

  1. Obbo Biraanuu Nugusee jedhamu jalaa horii 50 yoo saaman, 
  2. kan Obbo Baqqalaa Alamuu immoo horii 2 fudhatanii deemuu fi 

dararaa isaan hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan kan duraa irra daran jabaatee jiraachuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading