• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gibiraan harka qalleeyyii saamuun himame

Jun 15, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025 

Jaleewwan murna Bilxiginnaa dhimma dhuunfaa isaanii qofaaf hawaasa garmalee dararuun gammachuu guutuu argatan akkuma argan bobbaafamanii halkaniif guyyaa osoo hin jenne qonnaan bultoota saamuu irratti xiyyeeffatanii jiru.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa jedhamu keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa giiphiin isaanii gaafa hir’atuu fi faayidaa dhuunfaa qofa argachuuf ifaajan torban darbe keessa “gibira kaffaluu diddan” maqaa jedhuun harka qalleeyyii waan nyaatanii bulan hin qabne kanneen maqaan isaanii:

  1. Huseen Adam,
  2. Alii Jundii,
  3. Mahaammadoo Abdallaa,
  4. Bushraa Keekaa fi
  5. Huseen Willoo 

jedhaman hidhaatti darbatanii qarshii 1,500 tokko tokkoon isaanii irraa saamuun gadi dhiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen waan fidanii gatii jedhame ofirraa kaffalan dhabuun hidhaatti darbatamanii dararaa ulfaataan booda, oomisha bara dhufu oomishanitti liqeeffatanii kan kaffalan ta’uun baramee jira.

Leave a Reply