ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Mootii iddoo addaa Wandoo jedhamutti Hagayya 24, 2025 hidhattoonni Amaaraa kanneen maqaa Faannoo jedhuun of waaman nama maqaan isaa Obbo Tolasaa Dabaloo jedhamu rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda bushaayee 40 ammoo jalaa ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa kunneen guyyaadhuma kana Obbo Tolasaa irratti gocha gara jabinaa kana erga raawwatanii booda ollaa isaatii ammoo manneen hawaasaa cabsanii seenuun saamicha raawwatanii deemuun ibsameera.
Finxaaleeyyiin Amaaraa deggersa murna Bilxiginnaan meeshaa waraanaa hidhachuun godinaalee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuu itti fufanii jiru.

