Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon abbaa manaa fi haadha manaa irratti ajjeechaa raawwatan

ONM-ABO Fulbaana 24, 2024 

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Kootichaa keessatti hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan gocha gara jabeenyaa abbaa manaa fi haadha manaa manatti itti  ol seenuudhaan morma irraa kutuun ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himan.

Fulbaanaa 22, 2024 jechuunis Dilbata galgala hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kun qindoomina waraana faashistii PP’n itti bobba’uun kan ajjeesan ogguu ta’u, maqaan namoota ajjeefaman kanaas, obbo Misgaanaa Nagaash fi haadha warra isaanii Shittee Raggaasaa kan jedhamaniidha. Namoota kana lamaan morma kutuun gocha suukkaneessaa irratti raawwatanii ajjeesuu maddeen himaniiru. 

Kana malees obboleettii obbo Misgaanaa Nagaash kan maqaan ishee Maartaa Nagaash jedhamtu rasaasaan rukutuun kan madeessan yoo ta’u yeroo ammaa haalli fayyummaa ishee yaaddessaa akka ta’es himameera.

Dabalataanis godina Horroo Guduruu Wallaggaa onoota adda addaa keessatti sochiin garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jabaatee jiraachuun jiraattonni mana isaanii irratti akka horiitti gorraa’amanii qalamaa akka jiranis ifoomeera.

Exit mobile version