ONM-ABO Ebla 10, 2025
Ebla 9, 2025 hidhatoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman milishoota Amaaraa waliin ta’uun Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongooroo ganda Gaararootti uummata gandicha irraa konkolaataa IZUZU tokkoon gabaaf jecha gara magaalaa Tulluu Waayyuutti imalaa jiran irratti riphanii dhukaasa banuun namoota hedduu ajjeesuu fi madeessuun dhaga’ame.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti namoonni hedduun battala lubbuun kan darbe oggaa ta’u isaan keessaas kan maqaa arganne:
- Marii Garbii,
- Gamachuu Cimdeessaa,
- Xannaa Darajjee,
- Tolaanee Garbaa,
- Dingoo Garbaa fi
- Yaadataa Aabbasaa kanneen jedhaman ta’uun barameera.
Murni Bilxiginnaa gocha badii raawwate kanaaf birmannaa tokko illee kan hin goone ta’us barattoonni mana barumsaa aanaa Abee Dongooroo fi Jaardagaa Jaartee hiriira mormii dhoosuun dhaadannoo dhageessisaa turuun dhagaa’ame.
Ajjeechaa suukkaanneessaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraa deggersa murna PP’n ijaaramanii fi waraana goolessaa Bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu kun daran hammaachuun guyyuu uummanni Oromoo mana isaa keessatti balleessaa tokko malee gadda ulfaataa keessummeessaa jiraachuun ni beekama.

