Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaan  finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongooroo irratti geggeeffamaa jiru jabaatee itti fufe

ONMABO Adooolessa 10, 2024

Duula fixiinsa sanyii  gareen finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon taasisaa jiran   jibbiinsaa fi karoora badii Oromummaaf qabaniin lola uummata Oromoo irratti bananii jumlaan Oromoon akka lubbuu fi qabeenyaan miidhamu taasisaa jiru.

Guyyoota lamaan dabran irraa eegalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongooroo ganda Caruu fi  Karra-Durbaa jedhamutti waraanni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon haleellaa taasisaa jiraniin namoonni hedduun ajjeefamuun reeffi hanga ammaatti bakkee kan jiruu fi hedduun ammoo qe’ee irraa buqqaa’anii jiraachuun himameera.

Haleellaa suukkaneessaan kun irra deddeebiin hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo naannoo Amaaraa irraa sochii taasisaniin ta’uun kan himamu yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti namoonni danuun godaanaa jiraachuun, sochiin garee badii kanaas gandoota hundaatti babaldhatee jiraachuun beekameera. 

Hanga hawaasni miidhamaa jirutti murni bilxiginnaa naannoo Oromiyaa maqaa uummata Oromoon teessuma aangoo of harkaa qabu dhimmoota rakkoo hawaasaa  ilaalchisee yaada dhiyeessee fi namoota oolchuuf sochii tokkollee akka hin taasisne jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version