ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Uummanni Oromoo qabsoon yeroo dheeraaf mootummaa dimookiraatawaa dhaabuuf qabsoo hidhannoo fi warraaqsaa geggeessu bu’aan isaa ergamtootaa fi shirtootaan butamee bu’aan isaa ajjeefamuu qofa ta’ee jira.
Impaayerri gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo deebisuu hin feene qe’ee warra ulfoo boo’ichaa fi gadadoon akka uwwifamu ta’ee jira.
Akkuma irra deddeebiin gabaasaa turre uummanni Oromoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongooroo humnoota lama gidduu: garee mootummaan abbaa irree itti bobbaasaa jiru loltoota isaa fi kanneen maqaa eegumsa uummata Amaaraaf jedhuun finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo hidhachiisee jiruun hireen uummatichaa guyyuu ajjeefamuu fi qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ta’eetu jira
Torbee darbe keessas aanaa Abee Dongoroo ganda Dabbisii jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Gizawuu Galdaasaa Dhugumaa jedhamu yakka tokko malee waraana faashistii PP’n ajjeefamuun himameera.
Miseensuma maatii kanaa kan ta’e nama maqaan isaa Assaabaa Namoomsaa Galdaasaa jedhamu Ebla darbe galgala irraa garee finxaaleeyyii Amaaraan ajjeefamuus himan.
Yakki ajjeechaa onicha keessatti adeemaa jirus jabaatee osoo jiruu, uummata ganda Dabbisii irraa buqqa’anii jiraniin waraanni faashistii PP bakka biraa deemuu hin dandeessan jechuun eegumsa tokko malee akka isaan garee finxaaleeyyii Amaaraa kanaan dhumaniif bakka tokkotti ittisaa jiraachuu itti dabaluun himaniiru.

