ONM-ABO Adoolessa 25, 2024
Finxaaleyyiiin Amaaraa Faannoon murnoota bilxiginnaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii guyyaa guyyaan geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi jiran ta’uun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoorootti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman gochaa suukkaneessaa ta’e uummata Oromoo irratti raawwachuu daran jabeessanii kan itti fufan ta’uun ibsameera.
Haaluma kanaan, finxaaleeyyiin kun aanaa Abee Dongooroo maadheffatanii hawaasa nagaa garmalee dararaa kan jiran yoo ta’u, ganda Tigee bakka addaa Laagee jedhamutti Adoolessa 23, 2024 qonnaan bultoota ooyiruu isaanii keessa bulan irratti halkan keessaa naannoo sa’atii 7:00’tti dhukaasa irratti banuun namoota 10 bakka tokkotti jumlaan ajjeesuu jiraattonni gandichaa eeran.
Ammaaf namoota maqaan isaanii adda ba’e barsiisaa Taakkalee Dhugaasaa fi dargaggoo Dastaa Obsaa Jabeessaa kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota 8 immoo kanneen maqaan adda hin baane ta’uun himameera.
Aanichatti irra deddeebiin finxaaleeyyiin kun gochoota suukkaneessoo hedduu fi qabeenya hawaasaa irratti saamichaa fi mancaatii hamaa ta’e raawwachuun jiraattoonni aanaa Abee Dongooroo yeroo ammaa yaaddoo hamaa keessa galanii kan jiranii fi qaamni isaaniif birmatus ta’e lubbuu isaanii oolchu kan hin jirre ta’uu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Sagantaa keenya darbe irratti humnoota finxaaleeyyii kanaan namoonni shan ajjeefamuu gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.

