Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoorootti finxaaleeyyiin Amaaraa namoota 15 haala suukkaneessaa ta’een ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 17, 2024

Kutaalee Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon ergamtoota bilxiginnaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi jiran ta’uun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoorootti gochaa suukkaneessaa uummata Oromoo irratti raawwatan daran jabeessanii kan itti fufan ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan, finxaaleeyyiin kun aanaa Abee Dongooroo mandheeffatanii hawaasa nagaa dararaa kan jiran yoo ta’u bakka addaa Caruu jedhamutti Adoolessa 8, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon uummata nagaa irratti dhukaasa banuun jiraattota ganda Caruu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane namoota 15 ol ajjeesuun, manneen jiraattotaa gubanii loowwan hedduu jalaa saamuun hawaasa gandichaa qe’eef qabeenya isaanii irraa mancaasanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Qaamni ani mootummaadha ofiin jedhu jiraattota kana baraaruuf yaales kan hin jirre ta’uun, qaamoleen Bilxiginnaa aanichaa sabaan wal qooduun wal gaareffannaan gidduu isaanii akka jiru kan ibsan jiraattonni kun, sababa kanaanis ammallee jiraattoonni Aanaa Abee Dongooroo yaaddoo hamaa keessa kan jiranii fi qaamni isaaniif birmatus ta’e lubbuu isaanii oolchu kan hin jirre ta’uu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version