Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongooroo fi gandoota ollaa keessatti ajjeechaan raawwachaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Hagayya 7, 2024

Gareen Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon humnoota abbaa irree Abiy Ahimed bobbaasu waliin wal-qindeessuun waggoottan sadan darbanii kaasee godinoota Oromiyaan qabdu, Baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Kaaba Shaggar akkasumas Lixa Shaggar onoota muraasa keessatti sochii isaanii babaldhifachuun ajjeechaa jumlaa fi saamicha raawwachaa jiran jabeessuun dhagaa’ame 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abee Dongoorootti baatii keessatti sochii yeroo hedduuf kan taasisan Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon namoota sochii garichaa ofirraa qolachuuf meeshaa waraanaa hidhatanii jiru jedhanii shakkan waraanni abbaa irree meeshaalee irraa hiikee ajjeechaaf saaxilaa  akka jirus beekameera. 

Torban darbee kaasee sochii gareen Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon taasisaa jiraniin aanaa Abee Dongooroo cinatti kan argamu godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa gandoota akka Zangii, Guddin, Guutee Caancoo fi Gabaa Saawwaa keessatti namoonni hedduminaan ajjeefamuun dhagaa’ameera

Kana malees abbootiin qabeenyaa, qonnaan bultoonni gandoota baadiyyaa keessa jiraatan maqaa WBO tumsitu jedhuun adafamanii garee finxaaleeyyii kanaan ajjeefamuu fi loltoota sirnichaanis dararaamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version