ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024
Lola hidhattoota Faannoo fi hawaasa nagaa gidduutti naannoo Oromiyaatti uumamee jiruun walqabatee haleellaa fi miidhaa hidhattoota gara jabeeyyii Faannoo kanaan kan saaxilamaa jiru godinni Horroo Guduruu Wallaggaa onoota adda addaatti hanga ammaatti lubbuun namootaa darbaa jiraachuu fi miidhaan qabeenyaa qaqqabaa jiraachuu himan.
Naannoo Amaaraa irraa godina Horroo Guduruu Wallaggaatti humnoonni finxaaleeyyotaa kunneen humna guddaa galfachuun onoota akka : Amuuruu, magaalaa Agamsaa, Abee Dongooroo fi kanneen hafan biroo keessatti of ijaaruun miidhaalee guddaa geessisaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Yeroo ammaas humnoota dabalataa galfachaa fi bakkeewwan akka Abee Dongooroo naannoo laga Garchii fi Bosona Caattoo jedhamu keessa tuuta guddaanis maadheeffatanii akka jiranis beekameera.
Jiraattonni gandoota aanichaa torbanoota darbanii kaasee yaaddoo Finxaaleeyyonni kunneen irraan ga’aa jiraniin shororkaa guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, qaamni biyyan bulcha jedhu bilxiginnaan birmannaa tokkollee taasisaafii akka hin jirres ONM’tti himaniiru.

