Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti ajjeechaan hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon raawwatamuu fi loltoonni Bilxiginnaa bosona gubuun himame

ONM-ABO Amajjii 7,2025 Murni nama nyaataan Bilxiginnaa wayita gannaa biqiltuu dhaabaa jechuun uummata kan rakkisu faallaa kanaa ammoo yeroo bonaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata” jechuun kutaalee Oromiyaa cufa keessaa bosonatti ibidda  qabsiisuun barbadeessaa jira.

Aanaa Amuruu ganda Siiddan bakka addaa Cirracha jedhamu irraa Muddee 27, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa bosona Jaatoo jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata” jechuun naasuu tokko malee ibidda itti shiduun barbadeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandicha keessatti yeroo addaa addaatti loltoonni Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa waliin ta’uun hawaasa nagaa saamuu hanga ajjeesuutti gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabneen hiraarsaa kan jiran ta’uun itti dabaluun ibsameera.

Oduu biraatiin ammoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruutti Amajjii 4, 2025 milishoonni Faannoo naannoo Amaaraa irraa baay’inaan meeshaa ammayyaa hidhachuun Laga Abbayyaa ce’an Amajji 5, 2025 ganama barii sa’atii 11:00 irraa eegaluun onuma Amuruu ganda Sammoo Illaamuu bakka addaa Hoofii jedhamutti waraana banuun hanga sa’atii 4:00’tti lolli cimaan turus sababa neetwoorkiin hin jirreef miidhaalee qaqqabe guutuu argachuu hin dandeenye.

Exit mobile version