Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaalee Liiban Jaawwii fi Jibaat gidduutti bosona argamu loltoonni Bilxiginnaa ibiddaan gubaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 3, 2025 

Aanaalee Liiban Jaawwii fi Jibaat gidduutti kan argamu bosona naannoo Abbayyii Manzee jedhamu sirna dhabloonni ergamtoota Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata” jechuun Gurraandhala 28, 2025 ibidda itti shiduun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti ibiddi kunis kan hin dhaamiin jiruu fi yoo xiqqaates bosona lafa hektaara 20 ol irra jiru gubee mancaasaa jiraachuu jiraattonni naannichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni naannichaa himanitti, bosonni kun armaan dura madda hawwata Turizimii ta’uun mooraan itti ijaaramee hawaasa naannichaatiin kunuunfamaa kan ture yoo ta’u, hawaasnis gatii dadhabbii isaa guyyuma tokko gaaddisuma bosonichaa taa’ee illee osoo sirnaan hin boqotiin dawoo WBO’ti jedhamuun ergamtoota sirnichaan ibiddi shidamuun gubachaa jiraachuu irraan kan ka’e, yeroo ammaa kanas jiraattonni aanota kanneenii qe’ee fi qabeenya isaaniif sodaa guddaa keessa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Yeroo ammaa kanas, murni Bilxiginnaa akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata jedhuun bosona Jibaat dabalatee Liiban Cuqqaalaa, Boosat, Gaalamaa, Gujii fi Anfilloo ibiddaan mancaasaa turuun ni beekama.

Exit mobile version