ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Bitooteessa 4, 2025 godina Lixa Harargee fi Arsii Bahaa gidduutti kan argamu gaara Dindiin bosonaan uuwifamee argamu kan daangaa aanaalee akka Shanan Kooluu, Hancaar, Asakoo fi Daroo Labuutti ibidda itti shiduun ibsameera.
Bosonni kun mana bineensota adda addaa ta’us yeroo ammaa loltootni Bilxiginnaa bosona gubuu akka tooftaa waraanaatti fudhatanii marartoo tokko malee ibiddaan balleessaa jiru.
Keessumaa barri faranjootaa haaraan kun ykn waqtiin bonaa erga itti seenee bakkoota baay’eetti loltootni itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne kun bosona uumamaa lafa bal’aa uwwisan kan guban yoo ta’u, kanaanis bineensotni keessatti du’uu fi baqatanii qe’ee hawaasaatti ba’uun barameera.
Murni ganna ganna biliyoonaan biqiltuu dhaabaa jirra addunyaan gargaarsa nuuf gochuu qabdi jedhu, ji’oota muraasa keessatti bosona Jibaat, Boosat, Anfilloo, Gaalamaa, Liiban Cuqqaalaa, Gujii fi Boorana keessaa gubuun ni yaadatama.

