Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa loltoonni Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ripha” jechuun bosona gubuu akkuma itti fufanitti jiru

ONM-ABO Bitootessa 9, 2025 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa murni garboomfataan Bilxiginnaa gama hundaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhabu bosona hawaasni Oromoo baroota dheeraaf kunuunsaa turetti abidda qabsiisuun barbadeessaa jira.

Godina Arsii aanaa Martii ganda Gadoo Arbaa jedhamu irraa loltoonni maafiyaan Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ripha” jechuun Bitootessa 4, 2025 bosona gaara Biilaa jedhamu abiddaan gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Kana malees, godina Gujii aanaa Adoolaa Reeddee ganda Daandee fi Abbuulloo gidduutti kan argamu gaara guddaa hawaasni seera adda addaa jalatti geggeeffatu kan Qadiidaa jedhamu Gurraandhala 25, 2025 sa’atii 8:00’tti kan abidda itti qabsiisuun, guyyaa sana irraa eegalee hanga gabaasni kun qindaa’etti bosonni guddaan kun gubataa jiraachuun himamee jira. 

Bifuma wal fakkaatuun, godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Jaarroo Siree irraa jaleewwan Bilxiginnaa Bitootessa 4, 2025 bosona kiilomeetira hedduu haguugee argamu kanneen akka:

  1. Gimbii Maatoo,
  2. Jokkaa,
  3. Qarkaa Shimalaa,
  4. Daalattii fi 

bosona biroo hedduu “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa gala” maqaa jedhuun gubuun faalama qilleensaa fi hongee jajjabeessaa jiraachuun ibsameera.

Godinuma kana aanaa Horroo Bulluq irraa immoo guyyaadhuma kana Bitootessa 4, 2025 bosona kanneen: 

  1. Doolloo, 
  2. Agamsa, 
  3. Yaayyaa, 
  4. Harawwaa, 
  5. Garjeedaa, 
  6. Okoloo Caacoo fi 

kanneen biroo hedduu ergamtoonni sirnichaa ibidda itti qabsiisanii gubuun hanga yoonaatti kan hin dhaamin jiruu fi kutaalee Oromiyaa cufa keessaa bifuma wal fakkaatuun bosonni hedduun barbadaa’aa kan jiru ta’uun barameera.

Exit mobile version