Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti lukkeeleen Bilxiginnaa bosona gubuun himame

ONM-ABO Amajjii 29, 2025 

Murni Blxiginnaa yeroo gannaa “biqiltuu dhaabaa” jechuun uummata rakkisu, yeroo bonaa immoo “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jira” jechuun kutaalee Oromiyaa cufa keessaa bosonatti abidda qabsiisee guba.

Aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu jedhamu irraa Amajjii 27, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa bosona Bacanqee jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jira” jechuun barbadeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, bakkuma kana irraa midhaan bosona sana biratti argamu kan nama maqaan isaa Ahimad Ziyaad jedhamu misingaa isaatti abidda qabsiisanii deemuu fi abiddi bosona sana gubee gara midhaan jiraattotaatti ce’uun miidhaa ulfaataa geessisee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Gandicha keessaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu” jechuun manneen hedduun gubamuu fi hawaasni hedduun kan buqqa’e yoo ta’u, baatii kana keessa murni Bilxiginnaa godina Lixa Shaggar bosona Jibaatii fi Arsii Bahaa aanaa Sirkaa gubaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version