ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Lolli waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa garboomfataa PP waliin adeemsifamu erga eegalee waggoottan ja’aa oliif ga’ee kan jiru yoo ta’u, cichoominaa fi murannoo jabaa WBO’n agarsiisaa jiruun loltoonni sirnichaa kuma dhibbootaan ajjeefamuun gariin ammoo madoo ulfaataan lolicha ala ta’anii kan jiran, lolichis yeroo ammaa Gammoojjii Oromiyaa keessaa gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti babaldhatee jiraachuun rifaatuu kan itti ta’e sirnichi bosona Oromiyaa gubuu irratti fuulleffatee jira.
Godina Arsii Lixaa aanaa Shanan kooluutti kan argamu bosona gaara Guuguu jedhamu loltoonni Bilxiginnaa sodaa fi yaaddoo nageenyaa hamaa keessa galuun “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa gala” sababa jedhuun Gurraandhala 23, 2025 abidda itti qabsiisuun gubuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Bosonni kun hawaasaan bara dheeraa kunuunfamee dhalootaa dhalootatti darbaa kan as gahee fi daangaa godina Harargee Lixaa fi Arsii Bahaa irratti kan argamu ta’uun godinaalee kanneeniif faayidaa guddaa kennaa kan ture ta’us murni PP namoota abidda kana dhaamsuuf deeman ari’anii kan deebisan ta’uun isaanii ifoomeera.
Kana malees, loltoonni sirnicha utubuuf kufanii ka’an kunneen bosona gubanii mancaasuu ittuma fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Joogir bakka addaa Gaabii jedhamu irraa Gurraandhala 23, 2025 haleellaa Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti bane rifachuun bosona ganda sana keessatti argamutti abidda qabsiisanii gubanii deemuun ibsameera.
Injifannoo fi dagaaginni qabsoo blisummaa Oromoof taasifamaa jirus abdii kutannaa keesaa kan galche sirna PP, yeroo itti WBO’n kutaa waraanaan socho’aa jirutti maqaa qubsuma WBO’ti jedhuun bosona Oromiyaa balleessuun dadhabina sirnichaa malee goonkumaa cimina sirnichaa kan hin taane yoo ta’u, tibbana garuu murni lolaan WBO injifachuu dadhabe bifa haarawaan akka waan qabsoo bilisummaa Oromoo miidhuutti bosona Oromiyaa gubaa akka jirus irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

