ONM-ABO Sadaasa 4, 2024
Gareen Finxaaleeyyii Amaaraa Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa akkasumas Oromiyaa bakkoota adda addaa qubsiifamuun jireenya isaanii geggeeffachaa turuun ni beekama.
Haa ta’u malee dachee Oromoo irratti bayyaannachuun murnoota abbaa irreen bara dhufaa darbaan tumsamanii meeshaalee waraanaa hidhachuun uummata Oromoo irratti haleellaa geggeessaa akka turanii fi ammas itti jiran taateen Baha Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Lixa Shaggar, Kaaba Shaggar fi Walloo keessatti raawwachaa jiru ragaa dha.
Keessattuu bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa kanatti uummanni Oromoo seenaa jireenya isaa keessatti goonkumaa gidiraa hangana ga’u argee kan hin beekne, qeerroo, qarree, jaarsa, jaartii fi daa’imman dabalatee garee hidhattoota Faannoo Bilxiginnaan tumsamaniin mormi isaanii citee naanneeffamaa turuun kan yaadatamuudha.
Garee Bilxiginnaa biratti sobni beekumsa kan isaaniitti fakkaatu, Koloneel Abiy Ahimedis paarlamaa gubbaatti hidhattoonni Amaaraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baha Wallaggaa akka hiikkataniif dubbatus, garuu gareen Bilxiginnaa waliin hariiroo qabu, maqaa eegumsa uummata Amaaraan hidhate kun daranuu kan duraarra sochii isaanii cimsanii itti fufaniiru jechuun jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti sochiin garee kanaa godinota Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti jabaatee kan itti fufee jiru yoo ta’u, meeshaa Bilxiginnaan hiikkadhaa jedhes itti aanaa Muummicha Ministeeraa duraanii Dammaqee Mokonnentu ittiin ofirraa loltu jedhee nu hidhachiise kanaaf hin hiikkannu jechuun hokkora kaasaa jiraachuus jiraattonni ibsaniiru.

