• Fri. Mar 13th, 2026

Sochii gareen Finxaaleeyyonni Amaaraa Faannoon kaaba impaayeerattii irraa godina Horroo Guduruu Wallaggaatti taasisaa jiran yaaddoo jiraattotatti uumee akka jiru himame

Jun 4, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024

Lola hidhattoota Faannoo fi hawaasa nagaa gidduutti naannoo Oromiyaatti uumamee jiruun walqabatee haleellaa fi miidhaa hidhattoota gara jabeeyyii Faannoo kanaan kan saaxilamaa jiru godinni Horroo Guduruu Wallaggaa onoota adda addaatti hanga ammaatti lubbuun namootaa darbaa jiraachuu fi miidhaan qabeenyaa qaqqabaa jiraachuu  himan.

Naannoo Amaaraa irraa godina Horroo Guduruu Wallaggaatti humnoonni finxaaleeyyotaa kunneen humna guddaa galfachuun onoota akka : Amuuruu, magaalaa Agamsaa,  Abee Dongooroo fi kanneen hafan biroo keessatti of ijaaruun miidhaalee guddaa geessisaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Yeroo ammaas humnoota dabalataa galfachaa fi bakkeewwan akka Abee Dongooroo naannoo laga Garchii fi Bosona Caattoo jedhamu keessa tuuta guddaanis maadheeffatanii akka jiranis beekameera.

Jiraattonni gandoota aanichaa torbanoota darbanii kaasee yaaddoo Finxaaleeyyonni kunneen irraan ga’aa jiraniin shororkaa guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, qaamni biyyan bulcha jedhu bilxiginnaan birmannaa tokkollee taasisaafii akka hin jirres ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading