• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo ajjeesuu fi saamuu akkaan cimsanii itti fufan

Aug 28, 2025

ONM-ABO Hagayya 28, 2025 

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Mootii iddoo addaa Wandoo jedhamutti Hagayya 24, 2025 hidhattoonni Amaaraa kanneen maqaa Faannoo jedhuun of waaman nama maqaan isaa Obbo Tolasaa Dabaloo jedhamu rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda bushaayee 40 ammoo jalaa ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa kunneen guyyaadhuma kana Obbo Tolasaa irratti gocha gara jabinaa kana erga raawwatanii booda ollaa isaatii ammoo manneen hawaasaa cabsanii seenuun saamicha raawwatanii deemuun ibsameera.

Finxaaleeyyiin Amaaraa deggersa murna Bilxiginnaan meeshaa waraanaa hidhachuun godinaalee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading