ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Mootii bakka addaa Tulluu Meexxii jedhamutti Bitootessa 28, 2025 haleellaa hidhattoonni Amaaraa Faannoon jiraattota irratti raawwataniin namoonni 15 ajjeefamuun namoonni lama bakka buuteen isaanii dhamamsiifamuun ibsame.
Namoota ajjeechaan irratti raawwate keessaa kan maqaa arganne;
- Gaddafaa Birruu,
- Faqqadaa Baqqalaa,
- Gabayyoo Kumsaa dabalatee
namoota 15 battalatti ajjeesuun gocha suukkanneessaa morma irra kan muran oggaa ta’u, namoonni lama ammoo dhabamsiifamuun addeeffameera.
Namoonni adda durummaan hidhattoota Amaaraa waliin uummata Oromoo irratti duguugiinsa sanyii raawwachiisaa jiran maqaan isaanii;
- Gammachuu Tarrafaa,
- Amsaaluu Yaadataa,
- Raggaasaa Guddataa,
- Xilaahun Tasammaa,
- Fantaayee Tarruu fi
- Guddisaa Guutamaa kanneen jedhaman
qaamolee Bilxiginnaan ijaaramanii warra addatti hidhattoota Amaaraa waliin hariiroo qabanii fi dhiyeessii adda addaa hanga meeshaa waraanaatti dhiyeessaniif ta’uun baramee jira.

