• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti gareen Finxaaleeyyii Amaaraa namoota 15 ol irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun ibsame 

Mar 30, 2025

ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Mootii bakka addaa Tulluu Meexxii jedhamutti Bitootessa 28, 2025 haleellaa hidhattoonni Amaaraa Faannoon jiraattota irratti raawwataniin namoonni 15 ajjeefamuun namoonni lama bakka buuteen isaanii dhamamsiifamuun ibsame.

Namoota ajjeechaan irratti raawwate keessaa kan maqaa arganne;

  1. Gaddafaa Birruu,
  2. Faqqadaa Baqqalaa,
  3. Gabayyoo Kumsaa dabalatee 

namoota 15 battalatti ajjeesuun gocha suukkanneessaa morma irra kan muran oggaa ta’u, namoonni lama ammoo dhabamsiifamuun addeeffameera.

Namoonni adda durummaan hidhattoota Amaaraa waliin uummata Oromoo irratti duguugiinsa sanyii raawwachiisaa jiran maqaan isaanii;

  1. Gammachuu Tarrafaa,
  2. Amsaaluu Yaadataa,
  3. Raggaasaa Guddataa,
  4. Xilaahun Tasammaa,
  5. Fantaayee Tarruu fi
  6. Guddisaa Guutamaa kanneen jedhaman 

qaamolee Bilxiginnaan ijaaramanii warra addatti hidhattoota Amaaraa waliin hariiroo qabanii fi dhiyeessii adda addaa hanga meeshaa waraanaatti dhiyeessaniif ta’uun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading