• Fri. May 15th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Booraatti hidhaan jiraattota irratti loltoota maafiyaa PP’n hammaachuun dhaga’ame 

Mar 30, 2025

ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025 

Aanaa Booraatti hidhamtoonni siyaasaa maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun baay’inaan 200 ol ta’an murtii seeraa malee waggaa tokkoo fi baatii 6 oliif hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Hidhamtoota siyaasaa waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii jiran keessaa dubartoonni 45 ol ta’uun kan himamu oggaa ta’u, kanneen maqaa arganne murasni:

  1. Caaltuu Girmaa,
  2. Shurtuu Daadhii,
  3. Biiftuu,
  4. Iftuu fi 
  5. shamarree maqaan ishee Dammee jedhamtu dhalootaan aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa kan taate 

dabalatee hidhamtoonni kunneen doorsisaa fi hiraarfamni ulfaataan irratti raawwachaa jiraachuun beekameera.

Murni Bilxiginnaa sabboontota aantummaa sabaa qabanii fi kanneen  dhiibbaa hawaasa irra ga’u morman adamsee hidhuu fi ajjeesaa kan jiru yoo ta’u, gariin ammoo ukkaamsee mana hidhaa keessaa baasuunis dhabamsiisaa akka jiru ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading