Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa keessatti tiksitootni Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon uummata qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Lola qindaa’aa waraanni faashistii bilxiginnaa fi hidhattoota Amaaraa Faannoo jedhamaniin Oromiyaa bakkoota adda addaatti banameen miidhaan lubbuu fi qabeenyaa uummataa irra ga’aa jiraachuun barameera.

Aanaalee akka: Abee Dongooroo, Amuuruu, Abbaay Coomman, Horroo Bulluq, Jimmaa Raaree fi kanneen  keessaa finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon waliigaltee isaanii murnoota bilxiginnaa waliin tolfachuun ilmaan Oromoo irratti guyyaa guyyaan daba  raawwatamee hin beekne hunda raawwachuun dararaa ulfaataa geesisaa jiraachuu jiraattonni dubbisne himan.

Yeroo ammaa kana finxaaleeyyiin kun aanaalee godinichaa hunda keessatti sosochii adda addaa godhaa jiraachuun jiraattonni hedduun qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’aa jiraachuu jiraattonni eeranii jiru.

Exit mobile version