Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti hidhattoota Faannoo fi murna bilxiginnaan uummata irratti dararaa fi ajjeechaan adda addaa geggeeffamu hammaate

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Keessattuu waggoota dhihoo asitti uummanni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hunda jechuun kan danda’amu hidhattoota murna Bilxiginnaa fi Faannoo jechuun of waamaniin gochoonni gara jabummaa hammeenyaan guutame irratti raawwatamuun sadarkaa uummanni lubbuu isaa dhabuu fi salphumatti qe’ee isaa irraa godaanu irratti geggeeffamaa jira.

Godinicha  aanaa Jimmaa Gannatii ganda Hundee Guddinaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Ambaayee Tasfaayee fi
  2. Katamaa Tasfaayee kanneen jedhaman Onkoloolessa 14, 2024 sababa tokko malee reebicha ulfaataa ta’e irraan gahanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, nama maqaan ishee Maaruu Guddataa jedhamtu Onkoloolessa 15, 2024 waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murna bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru.

Finxaaleeyyiiin Amaaraa kun Onkolooleessa 22, 2024 aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Bijjiit jedhamutti namoota maqaan isaanii Xaayituu Namarraa fi Zoodee Mul’ataa jedhaman jalaa buna ardaba ja’a saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, aanaadhuma kana keessaa Onkoloolessa 19, 2024 ganda Tigee jedhamu keessatti barataa maqaan isaa Biqilaa Nagaasaa jedhamu finxaaleeyyiin Amaaraa ajjeesuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Aanaa Jaardaagaa Jaartee keessaas finxaaleeyyiin kun dararaa hamaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran jabeessuun Onkoloolessa 15, 2024  ganda Jaanjimmar jedhamu irraa qonnaan bultoota maqaan isaanii Muluu Nagaasaa fi Bayyanaa Dabalaa jedhaman butuun achi buutee isaanii dhabamsiisanii, Obbo Muluun qarshii kuma dhibba shan kaffalee lubbuun isaa yoo hafu, namni Bayyanaa jedhamu immoo achi buuteen isaa hanga ammaa dhabamuu namoonni itti dhiheenyaan beekan dubbatanii jiru.

Exit mobile version