Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa daangaa aanaa Jaardagaa Jaartee fi aanaa Horroo Bulluq gidduutti finxaaleeyyiin Amaaraa uummata saamuu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 13, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, saamuu, mana irratti gubuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa daangaa aanaa Jaardagaa Jaartee fi aanaa Horroo Bulluq gidduutti finxaaleeyyiin Amaaraa uummata saamuu itti fufuun hawaasni dararamaa jira.

Hagayya 8, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman akkuma amala isaanii  Bilxiginnaan tumsamuun hawaasa garmalee dararaa jiran daangaa aanaa Jaardagaa Jaartee fi aanaa Horroo Bulluq gidduutti kan argamtu bakka addaa Shullukkee jedhamtutti konkolaataa uummata fe’ee deemaa jiru lama guutummaa guutuutti saamuu isaanii jiraattonni gandoota kanneenii addeessaniiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, bilbila, warqii fi kanneen biroo  uummata irraa saamuun qabeenya konkolaataa uummata fe’ee deemaa jiru keessa jiru qawwee itti qabuun guutuutti fudhachuu isaanii dubbatu.

Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Anfaaree jedhamuu fi kanneen biroo tokko tokko keessaa uummanni Oromoo horii ooffatee gara magaalaa Jardaagaa jedhamutti baqachaa jiraachuunis ifoomeera.

Exit mobile version