ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Hidhattoonni Amaaraa gochoota gara jabinaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuun hiraarsaa jiran godina Horroo Guduruu Wallaggaa daangaa aanaa Jaardaagaa Jaartee fi aanaa Horroo Bulluq bakka addaa Shullukkeetti Bitootessa 27, 2025 konkolaataa miniibaasii gabateen isaa 86036 OR dhaabsisuun namoota hedduu irratti saamicha raawwachuu jiraattonni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ilmaan Oromoo kumaatamaan qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun sarbama mirga namoomaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran finxaaleeyyiin Amaaraa, konkolaataa dhaabsisuun namoota maqaan isaanii:
- Bakaree Waajjiraa,
- Dassaalee Baqqalaa,
- Eliyaas Faantaa,
- Rattaa Alamuu,
- Tamasgeen Dabbee,
- Caalaa Abbabee,
- Dabalaa Waaqjiraa,
- Nagaroo Akkasaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an magaalaa Saqalaa irraa gabaaf gara magaalaa Jaartee osoo deemaa jiranii kan saamaman ta’uun ibsamee jira.
Hidhattoonni kunneen bakka kanatti irra deddeebiin saamicha, qabanii bakka buutee dhabamsiisuu, haala suukkaneessaan ajjeesuu, qarshii guddaa gaafachuu fi miidhaa ulfaataa adda addaa geessisaa kan jiran yoo ta’u, qaamoleen murna Bilxiginnaas wal ijaaruun finxaaleeyyii kanneeniif deggersa gochaa kan jiran waan ta’eef, jiraattonni yaaddoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun dabalataan eeramee jira.

