Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleeellaa Finxaaleyyiin Amaaraa uummata Oromoo irratti raawwataniin uummatni Oromoo godina Horroo Guduruu fi baha Wallaggaa dararaa argaa jiraachuu jiraattootni dubbatan

Haleeellaa Finxaaleyyiin Amaaraa uummata Oromoo irratti raawwataniin uummatni Oromoo godina Horroo Guduruu fi baha Wallaggaa dararaa argaa jiraachuu jiraattootni dubbatan.

ONM-ABO Fulbaana 16,2022 qanaa Horroo Bulluq akka nuuf himetti, haleellaa fi saamicha finxaaleyyiin Amaaraa guyyoota muraasa dura ganda Bonee Abuunaa fi Guddinaa Abuunaatti raawwataniin, lubbuun nama 47 darbee loon hawaasa dhibbootaan lakka’aman saamamuun, jiraattonni hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaafamanis hanga yoonaa qaamoleen murna bilxiginnaa uummatichaaf hin birmanne.

Haaluma wal fakkaatuu Aanaa Amuruuttis gandootni baadiyyaa 16 guutummaa guutuutti harka Finxaaleyyii kanaa keessa jiraatanis, mootummaan naannoo Oromiyaa magaalaa Oborraa fi Agamsaa qofatti of daangessee taa’uun alatti, gandoota kaan keessatti uummata tiksuuf yaalii homaa gochaa hin jiru jedhu jiraattonni.

Haleellaa tibbana magaalaa Agamsaatti raawwatameen lubbuun nama 103 darbuun cinatti, hawaasni magaalittii hedduun buqqaafamuun magaalaa Oborraa fi Joojii Migiritti baqatanii turan.

Yeroo ammaa kana namoonni muraasni gara qe’ee isaaniitti kan deebi’uun sodaan jiraachaa kan jiran yoo ta’u, irra caalaan namoota buqqaafamanii gargaarsa dhabuun buufata itti baqatan keessatti beelaa fi dhukkubaan miidhamaa jiru jedhameera

Achuma ollaa Aanaa Amuruu kan taate,godina Baha Wallaggaa aanaan Kiiramuus rakkoo wal fakkaataa keessa jiraachuu odeeffanneerra.

Akka jiraataan magaalaa Kiiramuu tokko nuuf himetti, gandootni baadiyyaa Aanaa Kiiramuu 13 fi magaalaan xixiqqoo akka Haroo harka Finxaaleyyii Amaaraa keessatti kufuun erga bulchiinsa Oromiyaa jalaa baatee waggaa tokko ta’uuf adeema.

Duulli qindaa’aan Finxaaleyyii Amaaraatiin baname kun jabaachuun bakkoota hedduutti hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaasuun cinaatti, lubbuu namoota danuu dabarsaa jiru.

Magaalaa Naqamteetti baay’ee dhihoo kan taate, Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Ukkee keessatti haleellaa finxaaleyyiin Amaaraa guyyaa afur dura raawwataniin lubbuun nama 32 darbeera. Qabeenyi ilmaan Oromoos qofaatti adda baafamuun barbadeeffameera; gariin saamameera.

Haleellaa ifaan mul’atu akka kanaan alatti, gargaarsi adda addaa uummata aanaalee haleelamuun irraa buqqaa’an akka hin qaqqabne taasisanii jiru.

Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa, Amuruu, Jaartee Jaardagaa, Abbee Dongoroo, Horro Bulluqii fi Aanaa Horroo dabalatee baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu, Galiilaa, Giddaa, Guutoo Giddaa fi Angar Guutee erga waraana qinda’aa faannoo fi finxaaleyyiitiin isaan irratti banamee as quunamtii fi tajaajila garaagaraa irraa cituun dararaa hamtuu keessa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version