ONM-ABO Hagayya 2, 2023
Murni faashistii PP bakkoota lolli jabaan keessatti geggeeffamaa jiru qorichi ga’aan akka hin qaqqabnee fi ogeeyyiin bakkicha irraa akka ka’an gochuun hawaasa nagaa taatee raawwachaa jiru keessaa quba hin qabne itti miidha.
Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa fi Begii keessatti dhibeen busaa erga babal’atee bubbulus dhukkuba kana to’achuuf tarkaanfiin gama waajjira fayyaa aanota kanneeniin fudhatame dhabamuun lubbuu namootaa galaafachuutti ce’eera.
Aanaa Qondaalaa fi Begii kana keessaa bakkootni dhukkubni busaa kun uummata irraan miidhaa qaqqabsiisaa jiru; magaalaa Ashunfaa, ganda Maaramoo, Kamsii, Tulluu Barcumaa, Gemii Gaabbaa, Loppii, Gunfii, Qellem, Kobor, Shaaltaa, Hooppaa, Higgii, Maqa Boonaa, Kummii, Kaazee, Carphaa, Qallaa, Eeggannee, Barcumee, Xiilloo, Waajaa Macabaraa fi Cirrii, Yaarii Qooriyoo, Laga Baddeessaa yoo ta’u ganda Shuuraa Loppiitti mana tokko keessaa nama 4 hanga 5tti galaafataa jiraachuu maddeen himan.
Miidhaa dhukkubni busaa kun geessisaa jiru kana qaamni bilxiginnaa furmaata kennaa kan hin jirre ta’us dhaabbanni Fannoo Diimaa Addunyaa damee Naqamtee magaalaa Begiitti argamuun rakkoo uummataa kanaaf akka dafanii qaqqaban waadaa seenanis qoricha deggersa ni ergana jechuu irraan kan hafe hanga gabaasni kun qindaa’etti waanti qaqqabe akka hin jirre barameera.

