Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee lixaa aanaa Gaasaraa keessaa waraanni faashistii PP ilmaan keessantu WBO keessa jira jechuun namoota jumlaan hidhuun dararaa jiru

ONM-ABO Hagayya 2, 2023

Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo kabajaa namoomaa dhabuun  warreen gita bittummaan sammuu isaanii keessatti hammeenyaan guuteen akkasumas akkaataa ittiin Oromoo cabsanii fi siyaasa isaa ittiin dadhabsiisan tarsiimoo baafatanii hojjetaniin badii tokko malee hidhuun itti fufee jira.

Haaluma kanaanis godina Baalee lixaa aanaa Gaasaraa gandoota akka Kolooba Suraaraa fi Kolooba Saa’adaa irraa namoota nagaa maqaa ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun qabanii  ji’oota lamaa oliif mana hidhaatti dararaa jiru.

Namoota yakka tokko malee hidhan kanas osoo mana murtiitti hin dhiyeessin baatii tokkoo hanga waggaa hidhanii kan jiran hedduu yoo ta’u, poolisootni hidhamtoota kanneen eeganis mirga isaanii sarbuun nyaatni mooricha akka hin seenne gochaa akkasumas, maatii hidhamtoota dubbisuu mana hidhaa deemanis nyaata akka hin fidne jechuun doorsisaa fi akeekkachiisaa jiraachuu maddeen keenya onichaa gabaasaniiru.

Exit mobile version