Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa aanaa Gaasaraa keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti jabaate

ONM-ABO Waxabajji 26, 2023

Waraannii fi caasaan murna bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota cufatti ilmaan Oromoo badii isaanii malee sobaan yakkuun hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi saamuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan godina Baalee Lixaa aanaa Gaasaraa keessatti namoota nagaa maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan keessantu keessa jira jedhuun qabanii hidhuun dararaa jiru.

Aanaa Gaasaraa gandoota akka Kolooba, Shafila fi Danbalii keessatti hawaasa nagaa maqa ilmaa keetuu bosona jira jedhuun hidhaa fi reebichi maatii irratti raawwatu jabaadha.

Guyyaa kaleessaa Waxabajji 25, 2023 gandootuma kana irraa namoota nagaa 40 ol qabuun Waajjira Poolisii aanaa Gaasaraatti hidhuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version