ONM-ABO Caamsaa 31, 2023
Ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertuu fi ilaalcha siyaasaa isaan hin beekneen yakkanii hidhuun jabaachuun, gochi Kun godina Baalee aanaa Gaasara keessattis hammaatee Jira.
Caamsaa 30, 2023 godina Baalee aanaa Gaasaraa ganda Itayyootti namoota nagaa bakka hojii idilee fi daandii irraa qabuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiru.
Bifuma kanaan namoota yakka tokko malee mana hidhaatti eenyummaa Isaanii qofaan gidirfamaa jiran keessaa Abdul fattaa Bashir, Amiin Mohammed, Abdullaah iAmiin, Ahmed Maamma, Ibraahim Huseen jedhaman dabalatee namoota maqaan Isaanii nu hin qaqqabin 40 ol ta’aan, maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertuu fi isaan waliin hariiroo qabdu jedhuun mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Gaasaraatti hidhamanii jiraachu maddeen himan.
Akka maddeen jedhanitti hidhaamtootni Kun kutaa xiqqoo namoota hedduu fudhachuu hin dandeenye keessatti hidhamuun, hanqinni irribaa fi nyaata isaan mudachuun dhibeef saaxilamu fi kanneen dhukkubsataniis yaala dhabuun rakkoon fayyaa isaan irraa ga’aa Jiraachuu maddeen gabaasan.

