ONM-ABO Caamsaa 31, 2023
Diinagdee fi maddi galii uummata baha Oromiyaa harki caalu Jimaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo garaagaraatti kaabinoonnii fi waraanni garee Abiy Ahimed uummata baadiyyaa irra gara magaalaa geessuun gurguratanii galii irra argatan danqaa itti ta’uun, seensa magaalaa irratti eeguun harkaa fuudhanii gubuu fi akka isaan gabaa hin geessine ugguraa jiru.
Gochi kun godinaalee Harargee lixaa aanaalee akka Gammachiis, Odaa Bultum, Bookee fi Habroo keessatti daran hammaatee kan jiruu fi uummanni rakkoo dinagdeen rakkachaa akka jiran dubbatu.
Oduu biraatin ammoo aanuma Odaa Bultum gandoota baadiyyaa magaalaa Burqaa jalatti argaman kan akka araddaa Haqabaas keessatti, maallaqa boondii fidaa jedhanii uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, uummannis jimaan keenya gurguramaa hin jiru eessaa fidne kanfalla jechuun gaaffii dhiyeessanifis dirqamaan kanfaltu jechuun humnaan irra guuraa kan jiran ta’uun, namoonni hedduunis doorsisa kana dheessuun mana jireenyaa Isaanii gadi dhiisanii deemuun bakka birootti godaanaa jirus jedhaniiru.
Akka jiraattotni tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti Jimaan akka gabaa hin seenne dhorkuun kaayyoon isaanii uummata kana dinagdeen dadhabsiisuuf qaala’iinsa jireenyaa babal’achaa deemaa jiru jalaa akka hin damdamanneefi jechuun ibsan.




