ONM-ABO Eebla 20, 2026
Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti loltootni murna Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO jedhuun baay’inaan bobbaafamanii jiran Ebla 17, 2026 qe’ee hawaasaa ganda Boruu Mukaa fi Daahaa jedhamutti barii barraaqaan seenuun maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin ganda Daahaatti daa’ima re’ee bobbaasaa ture kan ganna 10 gadii maqaan isaa Huseen Yesuuf Hasan jedhamu rasaasa itti dhukaasuun miilla isaa lamaan walitti rukutanii madeessuun yeroo ammaa mana yaalaatti du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uun ibsameera.
Ganduma Daa’aa jedhamu kanatti guyyuma daa’imicha madeessan sana masgiida ganda Daa’aatti argamu kan hawaasni gandichaa fi naannichaa itti sagadan qura’aana keessa jiru illee osoo hin dhiifne manneen jiraattotaa 12 ol ta’an waliin ibidda itti shidanii gubuun barbadeessanii jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’f himaniiru.
Gandichatti hawaasni nagaan maqaa maatii qabsaa’otaati, hariiroo WBO qabduu fi ni nyaachistu jedhuun dharaan yakkamanii manni isaanii ergamtoota maafiyaa PP’n jalaa gubate muraasni maqaa arganne:
- Umar Hasan,
- Kabiiruu,
- Aammad Muusalee,
- Umar Diimaa,
- Mahaammad Addurroo mana
- haadha isaa waliin,
- Yaarigoo Muusaa mana
- haadha isaa waliin,
- Adam Jaarsaa,
- Huseen Gariibaa,
- Siraaj Gariibaa fi
- Kadijjaa Adam Kuree
kanneen jedhaman ta’uu ONM odeeffateera.
Daa’imni ol adeemaan hammeenya loltoota sirnichaan rasaasaan rukutamee fi namoonni manneen isaa shiftoota Bilxiginnaan mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin jalaa gubachuun barbadaa’e kunneen yakka seeraa dalagan qabaatanii osoo hin taane maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggertoota WBO’ti jedhuun sobaan yakkamanii gochi gara jabeenyaa kun irratti raawwachuu jiraattotni gandichaa miira gaddaan dabaluun himaniiru.



