• Wed. Oct 28th, 2026

Aanaa Ada’aa Bargaa keessatti milishoonni PP walii isaaniin wal ajjeesaa jiraachuun dhaga’ame

Apr 20, 2026

ONM-ABO Eebla 20, 2026 

Dantaa dhuunfaan gowwomfamuun akkasumas dirqamaan ukkaamfamuun leenjii waraanummaa ga’aa hin taane fudhatanii bobba’uun du’a seenaa hin qabne du’aa kan oolan waraanni impaayerattii, yeroo hedduu dantaa dhuunfaa isaanii irratti wal dhabuun walii isaanii irratti naasuu tokko malee ajjeechaa lubbuu wayita raawwatan irra deddeebiin mul’achaa jira.

Haaluma kanaanis gaafa Ebla 17, 2026 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Incinnii keessatti sirna dhableeyyiin milishoota PP wal dhabdee keessoo isaaniitiin walii isaaniitti dhukaasuun miseensuma isaanii tokko nama maqaan isaa:

Dhaabaa jedhamu rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti milishaan sirnichaa lubbuun isaa akka hin malletti galaafatame kun dhalataadhuma aanaa Ada’aa Bargaa ganda Biyyoo Wagiddii akka ta’e himuun, wayita ajjeefamu sana dura gareen tokko dirqama deemtu jennaan gareen tokko ammoo hin deemnu jechuun wal falmaa kan turan yoo ta’u, sa’aa muraasa booda dhukaasa banameen rasaasan adda isaarra rukutanii ajjeefamuus dubbatu.

Kanaan duras magaalichuma keessatti murni walii isaaniifuu naasuu hin qabne sirna dhableeyyiin waraana impaayerattii miseensuma isaanii tokko akka horiitti aalbeedhaan garra’anii lubbuu isaa galaafatanii turuufi akkasumas aanichuma ganda Warra Iluu bakka addaa Deessee Maaramii keessattis miseensuma isaanii biroo tokkos sababa waardiyyaa eeguu dide jedhuun ajjeecha gara jabinaa irratti raawwatanii turuu odeessi keessoo ONM’ qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply