• Fri. May 1st, 2026

Aanaa Gidaamii keessatti maqaa “hidhattanii biyya eegdu” jedhuun hawaasa jumlaan ukkaamsuun hammaatee jiraachuun himame

Apr 20, 2026

ONM-ABO Eebla 20, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Qellem bakka addaa Goloo jedhamee waamamu keessatti gaafa Ebla 16, 2026 lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa hedduu ukkaamsanii gara dirree waraanaatti guuraa kan turan yoo ta’u isaan keessaa kan ammaaf maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Malaakuu Jiraataa,
  2. Obbo Naasir Kabbadaa fi
  3. Obbo Jalduu Guutamaa 

kanneen jadhaman yommuu ta’an kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuu ONM’ odeeffateera.

Bifuma wal fakkaatuun guyyuma sana dhalataa godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo kan ta’e namni maqaan isaa Milkii jedhamu ammoo hojii qonnaatiif ganda Qellem kan jiraataa ture hidhattoota impaayerattiin ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamuus maddeen ONM’f ifoomsaniiru.

Kana malees godinichuma aanota hedduu keessatti dararaan wal fakkaataan akkasii qonnaan bultoota Oromoo siyaasa irraa walaba ta’an irratti shiftoota Bilxiginnaan hidhachiisee bobbaaseen raawwachaa jiraachuu kan himan maddeen, yeroo ammaa ergamtoonni PP uummata rakkoo qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa argaa jiru irratti maqaa “leenjii waraanummaa” jedhuun rakkoo biraa eda’anii hiraarsaa jiraachuus himaniiru.

Gochawwan dhiittaa mirga namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu abboota isaa irraa kan dhaale mataan Bilxiginnaa faashisti Abiy Ahimad, golee Oromiyaa mara keessatti jaleewwan isaa bobbaasuun maqaa “hidhattanii biyya eegdu” jedhuun uummata meesha maleeyyii dirqamaan adda waraanaatti hiriirsisuun ficcisiisaa jiraachuun kan beekamudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading